Bulchiinsi Itiyoophiyaa fakkeenyummaa qabu naannawichaaf ga’ee guddaa taphata – pir. Rajab Xahip Erdowaan
Finfinnee, Guraandhala 10, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan sirna mootummaa baroota dheeraa fi bulchiinsa fakkeenyummaa qabuun ga’een naannawa Gaanfa Afrikaa keessatti taphattu dabalaa dhufeera jedhan Pirezidaantiin Turkiyyee Rajab Xayip Erdowaan.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Turkiyyee Rajab Xayip Erdowaan Itiyoophiyaa daawwatan waliin ibsa kennaniiru.
pirezidaantichi wayita kana, Dooktar Abiy Ahimad gara qangootti erga dhufanii booda bu’aalee gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaan galmeessisan jajanii, ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Hariiroon biyyi isaanii dameelee adda addaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimee akka itti fufu ibsanii, hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraa lakkoofsise cimsuun murteessaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.
Iji addunyaa gara Gaanfa Afrikaa ilaalaa jira kan jedhan Pirezidaantichi, Sirni Mootummaa Itiyoophiyaa baroota dheeraafi bulchiinsi fakkeenyummaa qabu bu’aan naannawichaaf qabaatu guddaa ta’uu kaasaniiru.
Daawwannaan har’aa nagaa fi tasgabbii naannawichaaf ga’ee akka taphatu amantii qaban ibsanii, simannaa gaarii Dooktar Abiy Ahimad fi Uummata Itiyoophiyaan dhiyaateefiif galateeffataniiru.
Sooma Baatii Ramadaanaa boru eegalamu ilaalchisuunis hawwii gaarii Hawaasa Musiliimaa Itiyoophiyaaf qaban ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia