Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Pirojektii misooma Jallisii Qexoo Daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godina Qeellam Wallaggaatti Pirojektii Misooma jallisii Qexoo Daawwataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, Piroojektii Aanaalee Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaaniif jijjiirama hiika qabu fidaa kan jiru Pirojeektii bu’uuraalee misooma Jallisii Qexoo daawwachuuf carraa argadheera.

Pirojeektichi hojii qonnaaf dhiyeessii bishaanii addaan hin cinne akkaataa mirkaneesseen qabeenya uumamaa fi teessuma naannawichatti sirnaan fayyadamuuf yaadame hojiirra ooluu dubbataniiru.

Hojii misooma jallisii kallattiin faayidaarra oolchuun lafti qotameefi misoome hawaasichaaf faayidaa olaanaa argamsiisuu eegaluun kan jajjabeeffamuudha jedhan.

Bu’uuraaleen misooma daandii wajjiin ijaarames waliingahiinsa gabaa bal’iseera, sochii guyyaa guyyaa jiraattotaas salphiseera jechuun ibsaniiru.

Naannawichi dandeettii qonnaa bal’aa qabaachuu isaan, oomishaalee akka Ruuzii, Muuzii, Paappayaa fi Burtukaana misoomsuu keessattii hojiin jallisii fi bu’uuraalee misoomaa qonna Baadiyyaa guddisuu akka danda’an kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.