Warshaan dhiqaa dhakaa cilee Arjoo Indaastirii oomisha Simmintoo, sibiilaa fi ijaarsaaf galteewwan barbaachisoo dhiyeessaa jira – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Warshaa Dhiqaa dhakaa cilee Arjoo daawwatan.
Warshaan Dhiqaa dhakaa cilee Arjoo daakuu dhakaa biyya keessatti oomishuun kan alaa gala ture hambisuun misooma Indaastirii damichaa keessatti qooda olaana bahachaa jira jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Warshichi Indaastirii oomisha Simmintoo, sibiilaa fi ijaarsaaf galteewwan barbaachisoo dhiyeessaa jiraachuu eeran.
Dabalataan eegumsa naannoo mirkaneessaa misooma Indaastirii guddisuun akka danda’amu agarsiiftuudha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.