Fana: At a Speed of Life!

Warshaan Dhakaa Cilee Arjoo warshaalee gurguddoo biyyattiif galtee ta’aa jira- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Warshaan Dhakaa Cilee Arjoo warshaalee gurguddoo biyyattiif galtee ta’aa jira jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis Abdiisaan haasawa eebba Warshaa Dhakaa Cilee Arjoo irratti taasisaniin, Warshchi dargaggootaaf carraa hojii uumaa jiraachuus dubbataniiru.

Waggoottan darban mootummaan jijjiiramaa toora dinagdee irratti tarkaanfii garaagaraa fudhachuun diinagdee damdaneessa ijaaruuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa turuu yaadachiisan.

Dameewwan xiyyeeffannoon addaa kennameefii irratti hojjetamaa jiran keessaa dameen albuudaa tokko ta’uu kaasanii, kanaan dura damichaaf xiyyeeffannoon kennamee qixaan hogganamaa waan hin turreef diinagdee naannoos ta’e biyyaa utubuurratti hanqina qaba ture jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad damee kanarratti inisheetiivii bocuun sektarri kun akka hogganamuufi sektarri dhuunfaa kaappitaalaafi teeknooloojii qabatee keessa galee akka hojjetuuf hojii hojjetameen naannichatti tarkaanfiin gaariin fudhatamaa jiraachuu dubbatan.

Indaastiriiwwan xixiqqaafi giddugaleessaa akkasumas gurguddaa keessumaa warqeen walqabatee bal’inaan hojiitti galamuu eeraniiru.

Qabeenya guddaa naannicha qabu qixaan yoo hogganameefi hundi xiyyeeffannoon yoo hojjete bu’aa olaanaan argamuu akka danda’us ibsaniiru.

Godinaaleen lixa Oromiyaa albuudaan kan badhaadhan ta’uu eeruun, qabeenyi kun misoomuuf nageenya, hirmaannaa qaamolee dhuunfaafi invastimantii gurguddoo gara naannawichaatti harkisuu akka gaafatu kaasaniiru.

Dandeettii godinaaleen kunneen qaban irratti yoo hojjetame dargaggootaaf carraa hojii kan uumuufi diinagdee akka utubu dubbataniiru.

Uummanni keenya tokkummaafi nagaa isaa eegee harka walqabatee yoo hojjete jijjiirama guddaa fiduu dandeenya; hojiiwwan jalqabaman akka xumuramaniifi hojiileen wixineeffaman hundi gara hojiitti akka galan yoo goone lixni Oromiyaa akkuma kanaan dura yeroo rakkootti biyya keenyaaf gaaddisa ta’aa ture Itiyoophiyaadhaafis Oromiyaadhaafis gaaddisa guddaa ta’ee jijjiirama guddaa fiduu danda’a jedhan.

Uummatni oomishtummaa guddisuu, kan oomisherraa qixaan qusachuu, kan qusateen ammoo gara invastimantiitti galuun jijjiirama barbaadamu fiduuf jabaannee haa hojjennu jechuunis dhaamaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.