Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Piroojektii misooma jallisii Arjoo Dhidheessaa daawwatan

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad haala ijaarsi Piroojektii misooma jallisii Arjoo Dhidheessaa irra jiru daawwataniiru.

Piroojektichi sadarkaa gaariirra jiraachuu daawwanneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Piroojektiin guddaan kun yeroo gabaabaa keessatti xumuramuun hojii eegaluuf dhiyaatera jechuun ibsan.

Wayita tajaajila eegalees akka biyyaatti tattaaffii birmadummaa nyaataan of danda’uuf taasiifamu kan tumsuu fi qonnaan bultoota hedduu fayyadamoo kan taasisuu ta’a jedhan.

Ce’umsa misooma qonnaa keessatti qooda olaanaa kan qabaatu ta’uus ibsaniiru.

Kaayyoo piroojektichaa milkeessuun jireenya hawaasaa naannawaa ol guddisuu akka ta’e nan amana jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.