Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramni Naqamteetti agarre abdii guddaa nutti hore – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 12, 2018 (FMC) – Jijjiiramni Naqamteetti agarre abdii guddaa nutti hore jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Sammuu Afrikaa jijjiiruu, tasgabbii namarraa hin eegamne, Simboo addaa kan qabu kan akka Dooktar Hayilee Fidaa, gama siyaasaan yaada jajjabaa bara baraan ajandaa ta’u kan maddisisee kan akka Baaroo Tumsaa, gaaffii ummataa, amantaa fi mirga kaasee sadarkaa addunyaatti kan falme kan akka Guddinaa Tumsaa, gama teeknooloojiini yeroo jalqabaaf maashina barreeffamaa kan kalaqe Ayyaanaa Birruu, gama muuziqaan waa hedduu kalaquu kan barsiise kan akka Saahilee Dagaagoofaarraa barachuu qabna jechuun kaasan.

Akkuma jeneraal Taaddasaa Birruu fi Artiist Alii Birraan nu barsiisaan barnootni bu’uura waa hundaati.

Gootota kaleessaa kan leellifnu har’as gootota akkasii baayinaan horachuufi jedhan.

Namoota akka tabbaa ulfaatan kanneenirraa barachuun dhaloota faana isaanii bu’uu danda’an horachuun murteessaa ta’uu eeran.

Har’a kan nu barbaachisu misooma, rakkoo ummata Oromoo fi Itiyoophiyaaf furtuun misooma ta’uu hubachiisan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa itti gaafatamummaa olaanaa fudhachuun Warshaa guddaa Indaastirii Qonna Qindaa’aa Naannawaa Naqamteetti baasii Birrii biiliyoona 30 oliin ijaaruu eegaluu himan.

Warshaan kun lafa hektaara 250 olirratti ijaaramaa jiraachuu dubbatan.

Jiraattoota, dargaggootaa fi abbootii qabeenyaa naannawichaaf carraa guddaa ta’uu ibsan.

Hojiin malee boo’ichaan biyya ijaaruu hin dandeenyu kan jedhan Dooktar Abiy, komii fi boo’icha dhiisuun hojjechuun qabna jedhuun hubachiisan.

Hawwiin koo inni guddaan Wallaggi, Oromoo fi Itiyoophiyaan kadhannaa keessaa bahanii nyaatan akka of danda’an arguudha jechuun ibsan.

Mootummaan Itiyoophiyaa mul’ata biyyaa fi ummata jijjiiruu qabatee hojjetaa jiraachuu ibsuun, dubbachuu fi waadaa galuu osoo hin taane hojjetee qabatamaan agarsiisuu kaayyoo qabatee socho’aa jiraachuu eeran.

Mul’ata kana ammoo hojii qabatamaatti jijjiiruuf waan qabnu, waan uumamaan arganne adda baasuun itti fayyadamuutu murteessadha jechuunis ibsan.

Rakkoon wallaggaa kan hiikamu hojii qofaan waan ta’eef hamii, tuffii, walcabsuu fi komii keessaa bahuun barbaachisaa akka ta’e himan.

Namni wallaggaa jaalatu dafqee hojjechuu akka qabu hubachiisan.

Kennaa, gaarummaa fi arjummaa guddaa waaqayyoorraa argannee jirra, nuti ammoo hojjechuu, dafquu fi dhama’uun biyya keenya guddisuu qabna jechuun waamicha dhiyeessan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.