Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Har’as turtii keenya Wallaggaa ittifufuun, Looreeta Nagaa Addunyaa Mummee Ministiraa keenya Abiyyi Ahimad (PhD)’fi jila isaanii waliin ta’uun ijaarsa Indaastirii Nyaataa Qindaa’aa Buusaa Gonofaa Oromiyaa jalqabsiifne.
Sirni jalqabsiisa ijaarsa piroojektii kurfeessa omishaalee qonnaa Indastirii Paarkii Qonnaa Qindaa’aa Naqamteetti gaggeeffame kun, Buusaa Gonofaa gara warsheesutti ce’uu isaa kan mirkaneessedha.
Warshaan kun, boqqoolloo, atar-boonsituufi gosoota bu’aawwan boqqoolloo 14 ta’an kan kurfeessu yoota’u, namoota 6,500 oliif carraa hojii dhaabbataafi yeroo ni’uma.
Buusaa Gonofaa dabalatee humnoonni waloo aadaa ummata keenyarraa fudhachuun dhaabbatummaatti ce’an, humna gochuu olaanaa addaafi duudhaa keenya keessa jiru ifatti kan agarsiisaniidha. Buusaa Gonofaa umrii waggoota afurii keessatti deeggarsa yeroo cinaatti, misooma omishaa keessa galuun humna hawaasaa baldhaa hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti deebisaa jira. Galii buusii miseensaafi arjaa qoodafudhattootaa irraa sassaabu cinaatti, lafa baldhaa qotuun sagantaa dhiyeessii nyaata barataa naannichaa barattoota mil. 7.3 ol hammate bu’uuressaa jira.
Indastiriin Paarkii Qonnaa Qindaa’aa Naqamtee lafa hekt. 250 irra kan qubate yoota’u, baasii birrii bil. 6.1 Mootummaan Naannoo Oromiyaa ramadeen ijaaramaa jira. Yeroo ammaa ijaarsi marsaa lammaffaa uwwisa waliigalaa %73.6 qabatu xumuramaa kan jiru yoota’u, hojiin lafa misoomefi sheedii abbootii qabeenyatiif dabarsuu jalqabameera. Guutumatti yemmuu xumuramu namoota kuma 100’f kallattiin, namoota kuma 300-400 ta’aniif ammoo alkallattiin carraa hojii kan umudha.
Dabalataanis, qonnaan bultoota, waldaalee hojii gamtaafi omishtoota damee dhuunfaa naannawichaa waliin hidhata kallattii kan umu waan ta’eef, gabeessummaafi qulqullina omishaalee qonnaa daran kan ariifachiisudha. Akkasumas hidhata gabaafi cancala sonaa diriirsuun imala horata dinagdee ummata keenyaa kan ariifachiisudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, piroojektiin Buusaa Gonofaas ta’ee paarkichaa yeroo kaa’ame keessatti akka xumuraman gama maraan deeggarsafi hordoffii barbaachisu kamuu kan taasisu ta’uu ibsaa, invastaroonni keenya gamanumaa paarkicha keessatti iddoo akka qabattan waamicha isiniif dhiyeessun barbaada.
Oolmaa birootiin, misooma koriidorii magaalaa Nagamteefi Ikoo-Loojii Sorgaa magaalichatti ijaaramaa jirru daawwanneerra. Ikoo-Loojiin Sorgaa gahumsa turistii sirnakkoo naannawichaa eege ta’uu cinaatti, sochii haaromsa magaalaa Nagamtee jalqabame caalmatti kan ariifachiisudha.
Gama kaaniin, misooma kooriidorii baadiyyaa Godina Wallaggaa Bahaa, Ganda Madda Jaalalaatti hojjetamaa jiru daawwanneerra.
Sagantaan Misooma Kooriidorii Baadiyyaa anniisaa soolarii, ‘biogas’ aayoo gaazii, kutaalee mana jireenyaa, mooraa beeyladaa, iddoo magariisaa mooraa keessaa kan hammateefi jiruuf jireenya qoteefi horsiisee bultoota keenyaa ceesisaa kan jirudha. of keessatti qabateefi hawaasichaaf jireenya waaraafi ulfina qabeessa kan uumedha. Dabalataanis, Warshaa Daakuu Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Gibee Dhidheessa kan daawwannerra.
Waldaaleen Hojii Gamtaa imala ce’uumsa baadiyyaa keessatti gahee olaanaa kan qabanidha.
Walumaagalatti, hojiin Falaasama Ida’amuun masakamnee beekumsa xabboofi haaromsa aadaatiin raawwata jirru bu’aa olaanaa argamsiisaa jira. Buusaa Gonofaa dabalatee humnoonni waloo akka Tajaajila Lammummaa, Mana Murtii Aadaafi Gaachana Sirnaa humnoota akeeka Falaasama Ida’amuu hordofuun aadaa, duudhaafi beekumsa xabboo irraa ijaaramanidha. Falaasamni kun, Sirni Gadaa kan ittiin dhaadannu qofa osoo hintaane kan ittiin jiraannu ta’uu qabatamaan kan nuuf mirkaneessedha.
Fakkeenyaaf, sirna barnootaa keenyan, Sirni Gadaafi Safuun Kutaa 1-8’tti akka gosoota barnootatti kennamaa jiru. Tajaajila Lammummaatiin, Manneen Barnootaa Bu’uura Boruu kuma 20, faarmaasii hawaasaa 600, Bulchiisna Gandaa 7300 ol, daree dabalataafi manneen dubbisaa kumaatama ijaarree jirra. Gama Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuu bil. 30 ol dhaabnerra; hojii misooma sululaa waggaa waggaadhan guyyoota 60’f turuun sululoota kumoota dhibbaan lakka’aman ummata keenya waliin misoomsineerra.
Gama nagaafi haqaatiin, Mana Murtii Aadaa sadarkaa gandaafi aanaatti ijaaruun dhimmoota kuma dhibbootaan lakkaa’aman guduunfaa akka argatan ta’eera. Kanaaniis haqa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, dubbiin waldhabdootaa araaraan xumuramee nagaan eeyyentaa akka mirkanaa’u ta’aa jira. Gaachana Sirnaatiin hawaasni nagaa isaa ofii eeggachaa, duudhaa aadaatiin nageenya waloo isaa mirkaneessaa jira.
Hojiileen humnoota walootiin raawwataman kunniin, kan bajata kaappitaalaa mootummaatiin hojjennu dachaadhaan kan caalanidha.
Jalqabbiin milkaa’inaa armaan dura argame, humna gochuu naannoofi ummata keenyaa muldhisuu qofa osoo hintaane, kanaa olitti fagoo deemuu akka dandeenyu kan mirkaneessudha
Dhumarrattis, gumaacha olaanaa ummanni keenya armaan dura taasiseef, maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galata dhiyeessaa, yeroo dhufuttis tumsa isaafi Falaasama Ida’amuun masakamnee jalqabbii jiran kan finiinsinu ta’uu asumaan mirkaneessuun barbaada.