Dirqama Miidiyaaleefi Gaazexeessitootaa filannoo waliigalaa 7ffaa gabaasuuf eeyyama argatanii…
Miidiyaaleefi Gaazexeessitootni Filannoo Waliigalaa 7ffaa gabaasuuf eeyyama argatan dirqama akkamii qabu?
👉 Aadaa biyyaafi naannawaa filannoo kabajuu
👉 Baajii boordiin filannoo kenne akka mul’atuutti keewwachuu
👉 Filattootni yeroo sagalee isaanii qaama barbaadaniif kennaa
jiran mallattoo isaan waraqaarra taasisan waraabuus suuraa kaasuus hin qaban
👉 Namni dhuunfaan osoo mormii dhageessisuu filattootaafi qaamolee biroo suuraa kaasuus ta’ee suur-sagaleen waraabuufi af-gaaffii gochuun hin danda’amu
👉 Eenyummaa filattootaa bifa adda baasuun gabaasuun irra hin jiraatu
👉 Waraqaa eenyummaa filattootaa, waraabuu, suuraa kaasuus tahe kooppii gochuun hindanda’amu
👉 Bu’uura bilisummaa mirga namoomaa uummataa kabajuu
👉 Itti gaafatamummaa boordii, raawwachiiftoota filannoo,
caasaalee nageenyaa akkasumas caasaalee mootummaa biroos kabajuu qabu
👉 Raawwachiiftoota filannoo waa’ee itti gaafatamummaa isaanii gorsuu ykn kallattii kennuun irra hin jiraatu
👉 Dhimmoota seeraa ofiin hiikuu dhiisuufi odeeffannoo seerota adeemsa filannoo hin ilaallannee kennuu dhiisuu ykn qajeelfama dabarsuu dhiisuu
👉 Bakkeewwan sagaleen akka itti kennamuuf qophaa’an ykn daangeffaman suuraa kaasuus ta’ee waraabuu dhiisuu faa’i.
Itiyoophiyaan ni filatti!
#Oromia #Ethiopia