Fana: At a Speed of Life!

Filannoo waliigalaa 7ffaaf filattoonni miiliyoonni 54 ol galmaa’an – Boordicha

Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Filannoo waliigalaa 7ffaaf filattoonni miiliyoonni 54.5 ol galmaa’an jedhe Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee ibsa kenneera.

Filattoonni miiliyoonni 54 fi kumni 500 fi kumni 71 fi 871 galmaa’aniiru jedhe ibsa isaan.

Adeemsi meeshaalee filannoo raabsuu haala gaariin adeemaa jiraachuu Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelaatawarqi Hayiluun ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaa, akkasuma Dhaabbanni Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa (IGAD) taajjabdoota gara Itiyoophiyaa erguu isaanii kaasan.

Lammiileenis Filannoo waliigalaa 7ffaarratti gahee isaanii sirnaan akka bahatan gaafataniiru.

Salamoon Yitaayewutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.