Paartiileen Siyaasaa Danbii naamusa kaadhimamtootaa mallatteessan
Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Paartiileen siyaasaa danbii naamusa kaadhimamtootaa Boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaaf qopheesse mallatteessaniiru.
Hoggantoonni boordii Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, hoggantootni paartiilee siyaasaa fi bakka bu’oonni akkasumas bakka buutoonni Dhaabbilee Hawaasa Siivilii saganticharratti argamaniiru.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Meelatawarq Hayiluun, boordichi paartiileen walfalmanii yaada filannoosaanii sagantaa uummataaf itti dhiheessan qopheessaa jira jedhan.
Miidiyaaleen paartiilee morkattootaaf yeroo qilleensaa walqixa ramaduun itti gaafatamummaasaanii bahuu akka qaban hubachisaniiru.
Boordichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.