Fana: At a Speed of Life!

Kantibaa Adaanech Abeebeen sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu 5ffaa eegalchiisan

Finfinnee, Guraandhala 14, 2018 (FMC) – Kantibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu 5ffaa eegalchiisaniiru.

Har’a magaalaa keenyatti yeroo 5ffaaf kan gaggeeffamu sosochii Itiyoophiyaan haa Oomishtuu “Itiyoophiyaan haa oomishtu;Finfinneen haa badhaatu” mata duree jedhuun ifatti eegalchiisaneerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Sosochichi waggoota jijjiiramaa dabran Industiriiwwan oomishaa hudhaalee adda addaatiin cufamanii turan gara oomishtummaatti deebisuun; bakkeewwan faayinaansii fi oomishaa qopheessuun; walitti hidhamiinsa gabaa uumuun akkasumas gama cehuumsi beekumsaa fi teeknooloojii akka jiraatu taasisuutiin tarkaanfiin bulchiinsi fudhate bu’aa argamsiisaa jiraachuu kan itti hubanneedha jedhan.

Kanumaanis damichaan magaalaa keenyatti hojiiwwan gaggeeffamaa jiraniin jijjiirama qabatamaa galmeessuu dandeenyee jirra.

Keessattuu, gama guddina oomisha bakka buufamaatiin aadaan fayyadamummaa oomisha biyya keessaa guddataa dhufeera. Oomishtoonni fuuldurattis guyyaa guyyaan qulqullina oomishaa irratti xiyyeeffachuun dorgomtummaa keessan guddisaa akka deemtan amaanaa isiniin jechuun barbaada.

Oomishaaleen adda addaa uffataalee( Teekistaayilii), fayyaa, gogaa fi bu’aalee gogaa, akkasumas elektirooniksii kan irratti dhiyaatan sosochiin kuni, torban tokko itti aanuuf baay’ee miidhagaa fi kutaa magaalaa hunda irra geejjibaaf mijataa ta’ee kan ijaarame Giddu-gala konvenshinii Finfinneetti kan turu ta’a.

Jiraattonni magaalaa keenyaa hundi industiriileen oomishaa magaalaa keenyaa bu’aalee oomishan akka daaw’attanii fi akka bitattan yaamicha koon dhiheessa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.