Ajajni Duula Addaa dirqama lafarraa, qilleensarraafi galaanarraa bahachuuf qophiidha- L/J Shuumaa Abdataa
Finfinnee, Guraandhala 15 , 2018 (FMC) – Ajajni Duula Addaa dirqama lafarraa, qilleensarraafi galaanarraa haala amansiisaa ta’een bahachuuf qophiidha jedhan Ajajaan ajajichaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan.
Kabajni Ayyaana hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti magaalaa Hawaasaatti kabajamaa jira.
Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan wayita kana kaayyoon kabaja ayyaanichaa inni guddaan muuxannoo ajajichi waggoottan 65 darbanitti horate dhaloota egereef dabarsuuf ta’uu dubbatan.
Qaamoleen Itiyoophiyaa tuquu barbaadan yoo jiraatanis ga’umsa amansiisaa irratti kan argamnu ta’uu agarsiisuufis jedhan.
Ajajichi ga’umsa yeroofi haala kamiinuu dirqama lafarraa, qilleensarraafi galaanarraa injifannoon bahachuuf isa dandeessisu ijaaruus eeraniiru.
Yeroo itti aanuttis dirqamaafi ergama biyyi itti laattu ga’umsa loltummaa olaanaan bahachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Ajajichi yeroo yeroon qulqullina leenjiifi humna isaa guddisuurra darbee Rippaabilikaan Gaardiin akka hundaa’uu taasisuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.