Fana: At a Speed of Life!

Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoo Adwaa ukkaamfamee ture irra deebiin akka mul’atu taasiseera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 15 , 2018 (FMC) – Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoo Adwaa jaarraa tokkoo oliif ukkaamfamee ture irra deebiin akka mul’atu taasiseera jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen injifannoon Adwaa bara kanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministeera Aadaafi Ispoortii waliin ta’uun bakka jiraattonni magalichaa kumaatamatti lakkaa’aman argamanitti har’a ganama Yaadannoo Injifannoo Adwaatti haala ho’aa ta’een kabajamuu ibsaniiru.

Aadde Adaanech Abeebeen kan uummanni gurraachi ittiin boonu baga ayyaana yaadannoo injifannoo Adwaa nagaan geessan jechuunis ergaa isaanii dabarsaniiru.

Yaadannoon Injifannoo Adwaa injifannoon Adwaa jaarraa tokkoo oliif ukkaamfamee ture irra deebiin akka mul’atu taasisuus eeraniiru.

Bakka yaadannoo gootota kaleessaa dhiigaafi lafee isaaniin daangaa biyyaa kabachiisanii fi uummata isaaniis kabajaan jiraachisan kanatti kutaalee hawaasaa garaagaraa waliin Sosochii Ispoortii hawaasaan (Mass Sport) yaadannoo injifannoo Adwaa 130ffaa kabajneerra jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.