Finfinneetti shakkamtoonni ragaa mirkaneessa qabiyyee lafaa ni kennina jechuun Birrii miiliyoona 6 ol fudhatan to’annoo jala oolan
Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Shakkamtoonni hojjettoota Biiroo Bulchiinsa Misooma Lafaati, Hoggantoota ni beekna, ragaa mirkaneessa qabiyyee lafaa isiniif kennina jechuun Birrii miiliyoona 6 fi kuma 300 fi kuma 62 ol gowwoomsuun fudhatan to’annoo jala oolaniiru.
Shakkamtoonni kunneenis Tomaas Manaayyee Tabajjee, Saamu’eel Kidaanee Hayilee, Tsiyoon Abarraa Xaafaa, Daawwit Mangistuu fi Miikiyaas Awulaachewu.
Namoonni to’annoo jala oolan bara 2017 Kutaa Magaalaa Eekkaa aanaa 12tti miidhaman lafa heektaara kuma 3 fi 825 irratti furdiisa looniif adeemsa ragaa mirkaneessaa qabiyyee lafaa hojjechiisuurra turuu ibsu.
Kana hubachuun nuti Shufeera fi barreessituu hoggantoota Biiroo Bulchiinsa Misooma lafaati yeroo gabaabaa keessatti isiniif hojjechiifna jechuun Maallaqa armaan olitti caaqafame fudhatan.
Maallaqicha erga fudhatanii booda achi buuteen isaanii dhabamuu eeruun, hordoffii poolisii taasifameen to’atamuun Guraandhala 12, 2018 Mana Murtiitti dhiyaachuu ragaan Biiroo kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.