Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen misoomaa magaalaa Naqamteetti hojjetamaa jiran guddina magaalichaa saffisiisaa jiru- Jiraattota

Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Hojiileen misoomaa mootummaan magaalaa Naqamteetti hojjechaa jiru guddina magaalichaa saffisiisaa jiru jedhan jiraattonni.

Tibba darbe Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Godinaalee Wallaggaa daawwachuun isaanii kan yaadatamudha.

Daawwannaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad godinaalee kanneenitti taasisan irratti jiraattonni godinaalee kanneenii yaada kennaniin, daawwannaa isaaniitti gammaduu ibsaniiru.

Mootummaan hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Godina Qeellam Wallaggaatti Pirojektoota Ministirri Muummee Abiy Ahimad daawwatan keessaa Pirojektiin Jallisii Qeexoo tokko yoo ta’u, pirojektichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa kan qabu ta’uu qonnaan bultoonni aanaalee Sadii Canqaa fi Hawwaa Galaan dubbataniiru.

Kilaastaraan gurmoofnee oomishaalee garaagaraa oomishuuf qophoofneerra kan jedhan qonnaan bultoonni kunneen, Pirojektichi faayidaa barbaadamerra akka ooluuf eegumsa barbaachisaa kan taasisaniif ta’uus ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad aanaalee kanneenitti oomisha Kilaasatara Muuzii Sagantaa Maaddii Guutuun oomishamaa jirus daawwatanii turan.

Qonnaan bultoonni aanaalee kanneeniis oomisha kanarraa bu’aa guddaa argachaa akka jiran ibsuun, oomishaafi oomishtummaa isaanii guddisuuf halkaniifi guyyaa hojjechaa jirra jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad magaalaa Naqamteettis misooma kooriidarii magaalaa daawwachuun isaanii kan yaadatamudha.

Misoomni kooriidarii magaalichaa rakkoo dhiphina daandii furuurra darbee miidhaginaafi hawwattummaa magaalichaa dabaluu jiraattonni ragaa bahaniiru.

Kanaan dura magaalichi paarkii iddoo itti boqotan akka hin qabne yaadachiisanii misooma kooriidarii hojjetame hordofee iddoon hawaasni itti aara galfatu hojjetamuu ibsan.

Jiraattonni kunneen hojiileen mootummaa jijjiiramaan magaalichatti hojjetamaa jiran guddina saffisiisaafi hawwattummaa magaalichaa dabalaa akka jiran Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ibsaniiru.

Hojiin misooma kooriidariin walqabatee daandiin biskileetiifi imaltoota lafoo hojjetamuun rakkoo balaa tiraafikaan lubbuu namaarra gahaa ture hambisuufi sosochii geejjibaa saffisiisuus kaasaniiru.

Hojii misoomaa cinaatti hojiin nageenya mirkaneessuurratti hojjetame bu’aa gaarii fiduu kan ibsan jiraattonni magaalichaa, hojii gama Kanaan hojjetameen namni yaaddoo tokko malee nagaan bahee galaa jiraachuufi Sa’aatii 24 guutuu sosochiin namaa akka jiru kaasaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad tibba darbe godinaalee Qellam Wallaggaa, Wallagga Lixaafi Wallagga Bahaatti hojiileefi pirojektoota misoomaa garaagaraa daawwachuun isaanii kan yaadatamudha.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.