Fana: At a Speed of Life!

Hojiin rakkoo mana jireenyaa waaraan furuu cimee itti fufa- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Guraandhala 16, 2018 (FMC) – Hojiin rakkoo mana jireenyaa waaraan furuu cimee itti fufa jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen.

Aadde Adaanech Abeebeen gama Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti har’a ganama barii irraa eegallee manneen jireenyaa saayitiiwwan 17 ijaarsarra jiran keessaa saayitiiwwan Garjii, Tulluu Diimtuu, Galaan Gurraa( boqonnaa jalqabaafi 2ffaa), Aqaaqii Qaallittii fi Giddugala Gabaa Nifaas Silki Laaftootti ijaaramaa jiran gamaaggamneerra.

Hojiilee misoomaa gama maraa magaalichatti hojjechaa jirru keessaa misooma manaaf xiyyeeffannoo kenninee hojjechaa jirra jedhan.

Bara 2018 manneen kuma 100 ijaaruuf karoorfame keessaa ijaarsi manneen kuma 97 saffisaa jiraachuu eeeraniiru.

Saayitiwwan har’a gamaaggamne erga eegalamanii baatiiwwan jaha fi torba ta’uus sa’aatii 24 hojjechuun sadarkaa amma irra jirurra gaheeras jedhan.

Manneen ijaaramaa jiran Lammiilee kuma 200 ol ta’aniif carraa hojii kan uume yoo ta’u, koontiraaktarootaa fi waldaaleef kaka’uumsa hojii uumuus kaasaniiru.

Xiyyeeffannoon keenya saffisa ijaarsa manneenii qofaa irratti osoo hin taane, dhiheessi manaa irra dabre diizaayinii fooyya’een araddaalee jireenyaa fayya-qabeessa, miidhagaa fi ammayyaa ijaaruu ta’u eeruun, qulqullina ijaarsaa mirkaneessuuf Yuunivarsiitiin Saayinsii fi Teknooloojii Finfinnee gorsummaan nu waliin hojjechaa jira jedhan.

Manneen ijaaramaa jiran keessaa kumni 50 baajataa magaalaatiin kan ijaaraman ta’u ibsuun, kumni 50 hafan immoo tumsa mootummaa fi dhuunfaatiin ta’uu ibsaniiru.

jijiiramaan dura misoomni manneen hammanaafi bal’aan baajataa magaalaa fi waggaa tokkotti hojjetemuun haa hafuutii, liqii baankii barameen waggaa shanii isaattuu kumni 100 hojjetamee osoo jiraatee har’a miliyoonotaan galmaa’anii waggoota dheeraaf hamma har’aatti kan eeggatanii fi liqaa boondii manneen jireenya waliinii biliyoona 60 ol fudhannee kanfaluufi keessummeessuuf hin dirqamnu ture jedhan Aadde Adaanech.

Manneen ijaarama jiran fedhii jiraattoota magaalichaa waliin wal bira yoo qabamu dhiheessichi kan hafu ta’ullee, hojiin rakkoo manaa hundeen furuu daran cimee itti fufa jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.