Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii lammiilee gara oomishtummaatti ceesise…

Finfinnee, Guraandhala 17, 2018(FMC)- Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Pirojektiin Seeftiineetiifi Hojii Misoomaa Magaalotaa lammiilee gara oomishtummaatti ceesiseera jedhe.

Ministeerichi raawwii baatiiwwan jahan darbanii Pirojektii Seeftiineetiifi Hojii Misoomaa Magaalotaa gamaaggamaa jira.

Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Faantaa Dajan wayita kana pirojektichi waggoota 10 dura magaalota 11 keessatti eegaluu yaadachisanii yeroo ammaa magaalota 88 keessatti hojiirra oolaa jiraachuufi lammiilee miiliyoona 2 fi kuma 500 fayyadamoo taasisuu eeraniiru.

Baatii Muddee darbe lammiileen kumni 300 fi kumni 88 turtii pirojektichatti qabaatan xumuruun eebbifamuun ceesifamaniiru jedhan.

Fooyyessii diinagdee taasifame hordofee baajata idileen lammiileen kumni 800 fi kumni 79 ol deeggaramaa jiraachuus ibsaniiru.

Waliigaltee mootummaafi Baankiin Addunyaa waliif mallatteessaniin damichaaf deeggarsi faayinaansii Doolaarri miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 50 argamuu eeranii, waggoottan sadan dhufanitti lammiileen kumni 300 fi kumni 18 fayyadamoo ta’u jedhan.

Pirojektichi hojiilee qulqullinaa, misooma magariisaa, misooma sululaafi bu’uuraalee misoomaa xixiqqaa magaalotatti hojjetamaan deeggaraa jiraachuus kaasaniiru.

Bara baajataa 2017’tti lammiileen miiliyoonni 1 fi kumni 300 ol deeggarsa hunda argachuun pirojekticharraa eebbifamuun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ce’uu yaadachiisaniiru.

Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.