Ragaalee filattoota irraa barbaadaman…
A. Waraqaa eenyummaa gandaa ykn Paaspoortii
B. Waraqaan eenyummaa gandaa ykn paaspoortiin yoo hin haarofnes, galmaa’uuf ni fayyada. Garuu yeroon waraqaan eenyummaa sun itti haaromfamuu qabu waggaa shan caaleera yoo ta’e mirkaneessituu kan biraa dhiyeessuu barbaachisa.
C. Waraqaa eenyummaa gandaa ykn paaspoortii dhiyeessuun yoo hin danda’amne eeyyama konkolaachisummaa suuraan yeroo dhiyoo itti maxxanfamuun kenname, waraqaa ragaa jireenyaa , sanada loltummaan ittiin tajaajilan, waraqaa eenyummaa mana barumsaa, waraqaa eenyummaa hojjetaa ta’uu mirkanessu fi sanadoonni Kana fakkaatan ragaalee filachuuf dandeessisan jedhamanii fudhatamu.
👉 Haa ta’u malee ragaleen Kanneen yoo hin jiraanne
A. Raawwachiistota filannoo keessaa lama filaticha kan beekan yoo ta’e raga-ba’iinsa raawwachistotaan ykn
B. Baadiyyaatti yoo ta’e haala karaa aadaan filaticha adda baasuun danda’amuun namoonni aadicha beekan lama walitti qabaa buufata filannoof ragaa kennuun qaboo yaa’iin qabamee raawwachiisonni buufata filannoo itti mallatteessanii galmeessuun ni raawwatama.
C. Umriin galmaa’aa waggaa 18 ta’uu isaa ragaan dhiyaatu yoo hinjiraannee fi shakkiin yoo jiraate miseensa angafa ykn fira maatii galmaa’aan, yoo isaan hinjirres namooti waa’ee galmaa’aa sanaa beekan lama walitti qabaa buufata filannoo sanaaf ragaa kennaniin mirkaneessuun qaboo yaa’iin qabamee galmaa’uu ni danda’a.
D. Raga-ba’iinsa kennamu itti gaafatamaan buufata filannoo ni dhaggeeffata, qaboo yaa’ichaa irrattis raawwachiistonni filannoo ni mallatteessu.
Namoonni ganda buufanni filannoo keessatti hundaa’e keessa dhaabbiin yeroo dheeraaf jiraaachuun isaanii sanadaan mirkanaa’e sadii raga-ba’iinsa kennaniin filataa sanada hinqabne adda baasuun yoo danda’ame adeemsichi qaboo yaa’ii Boordiin Filannoo qopheesse irratti raawwachiistota buufata filannoon mallattaa’ee galmeessuun geggeeffamuu ni danda’a.
👉 Waa’ee eenyummaa, jiraataa ta’uu fi haala biraa filataa sanaa namni ragaa kamiyyuu kennu
A. Filattummaan kan galmaa’e
B. Dorgomaa kaadhimamaa ykn bakka bu’aa kaadhimamaa sanaa kan hintaane ta’uu qaba.
👉 Ragaaleen eeraman kunniin ulaagaa tokkoon eenyummaa filataa sanaa mirkaneessuu yoo dadhaban galmeessitoonni ulaagaalee tokkoo ol fayyadamuun ni mirkaneessu.