Fana: At a Speed of Life!

Guddina biyyaa saffisisuuf gaheen dhaabbilee Hawaasa Sivilii cimuu qaba – Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Guraandhala 26, 2018 (FMC) – Ijaarsa biyyaa saffisisuuf dhaabbileen Hawaasa Sivilii dammaqinaan hirmaachuu qabu jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Torbeen Dhaabbilee Hawaasa Siviilii 5ffaan mata duree “of danda’uun nageenya waaraa fi misooma mirmaachiisaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Adam Faaraah wayita kana haasawaa taasisaniin, Mootummaan guddinaa fi badhaadhina biyyaaf gaheen dhaabbilee Sivilii olaanaa ta’uu ni hubata jedhan.

Waggoottan jijjiiramaa darban Mootummaa fi Dhaabbileen Hawaasa Siviilii dhimmoota biyyaalessarratti tumsan hojjechuu akka danda’an hammattoon qindoominaa fi walta’iinsaa qophaa’uu yaadachiisaniiru.

Naannoolee dabalatee fooyyeessii seeraa taasisuu fi hojiirra oolchuu ibsuun, kunis dhaabbilee Siviilii ammayyawaa, bu’a qabeessaa fi saffisiisaa taasiseera jedhan.

Waggoottan darban lakkoofsi dhaabbilee Hawaasa Siviilii dachaan dabaluu eeruun, wayita ammaa lakkoofsi isaanii kuma 8 fi 410 qaqqabuu himaniiru.

Imala badhaadhinaa fi ijaarsa biyyaa saffisisuu keessatti dhaabbileen hawaasa Siviilii Maree Biyyaalessaa, Ce’uumsa Haqaa, Filannoo Waliigala marsaa 7ffaa fi gaaffii karaa Galaanaa keessatti dammaqinaan akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Hanga Guraandhala 28, 2018tti dhaabbileen hawaasa Siviilii 120 hojiilee isaanii giddugala Konveeshinii Idil Addunyaa Addisitti beeksisuu eegalaniiru.

Mintasinoot Mulugeetaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.