Itoophiyaan seenaa keessatti cichoominaan kan dhaabatte gootummaa Raayyaa keenyaan – Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Guraandhala 27, 2018(FMC) – Itoophiyaan seenaa keessatti qormaatilee keessa cichoominaan kan dhaabatte gootummaa Raayyaa keenyaan jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Obbo Tamasgeen Godambaa Raayyaa Itiyoophiyaa naannoo Hurufa Boombiitti dhiyeenya kana eebbifame har’a yoo daawwachuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Godambaan Raayyaa Itiyoophiyaa galmee gootummaa keenyaa, ragaa olaantummaa keenyaa ti jedhan.
Itiyoophiyaan seenaa keessatti qormaatilee keessa cichoominaan kan dhaabatte gootummaa Raayyaa keenyaan kan jedhan Obbo Tamasgeen, Godambaan kun ahaaraawwan imala gootummaa barootaaf ture kanaa qabachuu isaa kaasaniiru.
Bara 1950 irraa eegalee akka hundaa’uuf yaadamaa kan ture Godambaan Waraanaa kun murtiiwwan siyaasaan kaafamaa, gatamaa turee har’a murannoo mootummaa jijjiiramaan dhaabbata qabatamaa ta’ee akka dhugoomes ibsan.
Milkaa’inni kunis Godambaa Biyyaalessaa Raayyaa Itiyoophiyaa ijaaramuuf kiruuf dhagaa golee qajeelchuu ta’ee kan fudhatamu ta’uus hubachiisan.
Meeshaaleen qaqqaalii bara Adwaa dura turanii fi hidhannoowwan mootoolee dabalatee ambaalee fi seenaawwan waraanaa godambaa kana keessa jiran seenaa gootota keenyaa kan yaadachiisanii dha jechuunis hubachiisaniiru.
Ijaarsa dhaabbataa ammayyaa’aa bara 1900 irraa eegalee jiru, jijjiirama suutawaa meeshaalee waraanaa fi imala maandisummaa ajaa’ibsiisaa Raayyaan irra ga’e kan daawwachuisu giddugalli kun, Raayyichaa fi dhalootaaf seenaa, beeku msaa fi kaka’umsa kan hidhachiisuu akka ta’es ibsaniiru.
Godambaa kanaan kaleessa irraa ni baranna; har’a ittiin madaalla; boriif ammoo ittiin karoorfanna kan jedhan Obbo Tamasgeen, Afirikaanonnii fi uummanni guutuu addunyaa sirna kolonummaa irratti qabsaa’e hundi Godambaa kana ilaaluun, seenaa ofii akka jajatuuf afeeraniiru.
Raayyaan Itiyoophiyaa kan ittiin boonamu, maqaan isaas biyyarra darbee addunyaa irratti ol ka’ee kan leellifamu waardiyyaa nagaa ta’uus mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia