Kitaabni ‘Adwaa Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itiyoophiyaanotaa’ jedhu eebbifame
Finfinnee, Guraandhala 28, 2018 (FMC) – Kitaabni ‘Adwaa Injifannoo Cululuqaafi Yaadannoo Waloo Itiyoophiyaanotaa’ jedhu Galma Yaadannoo Injifannoo Adwaattu eebbifameera.
Kitaabichi bakka Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, Af-Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummmataa Obbo Taaggasaa Caafoo,Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, qondaaltootni olaanoo Mootummaa biroo fi keessummoonni waamichi godhameef argamanitti eebbifameera.
Kitaabni Dooktar Ashaaggiree G/Waldi Abdiitiin barreeffame kun Injifannoon Adwaan dura waliin jireenyaafi diinagdeen lammiilee Itiyoophiyaa maal akka fakkaatu odeeffannoo guutuu of keessaa qaba.
Kitaaba fuula kuma 1 fi 18 qabu yoo ta’u, Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliziin barreeffame.
Galiin kitaabicharraa argamu Yaadannoo Injifannoo Adwaa sadarkaasaa ol guddisuuf kan oolu ta’uu ENA’n gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.