Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa dabarsani kennuuf socho’an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban – Dooktar Ballaxaa Mollaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2018 (FMC) -Humnoonni Faayidaa Biyyaalessaa diinota biyyattiitti dabarsanii kennuuf socho’an siyaasa Itiyoophiyaa keessaa qooda argachuu hin qaban jedhan Dura taa’aan Sochii Biyyaalessaa Amaaraa Dooktar Ballaxaa Mollaa.

Galaanni Diimaan gabeenya uumamaa keenya eeyyamaa fi hirmaannaa Uummata Itiyophiyaan ala shira Siyaasaan dhabneedha kan jedhan Dooktar Ballaxaan, karaa bu’uura seeraa tokkollee hin qabneen akka dhabnu ta’uun daba cimaa Itiyophiyaanota hunda irratti raawwatame ta’uus kaasaniiru.

Qabeenya seena qabeessa kana dhabuun dhaloota ammaa biratti miira gaabbii uumuu ibsanii, gaaffiin abbaa qabeenyummaa Karra Galaanaa mirga uumamaan. Seeraa fi teessuma lafaa bu’uureffate ta’uus hubachiisaniiru.

Mootummaan gaaffii uummataa kana deebisuu fi bu’aa tarsiimawaa Itiyophiyaa kabajchiisuuf karaa dippiloomaasummaan daandii dheeraa imaluu yaadachiisaniiru.

Gaaffichi ajandaa biyyaalessaa ta’uus paartiin isaanii akka deggeru mirkaneessaniiru.

Haalli mijataan mirga karra galaanaa argachuu biyyattiin Seenaa fi uumamaan qabdu irra deebiin mirkaneessu umamuu akka qabus ibsanii, paartin isaanii gaaffii haqaa kana galmaan ga’uuf kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Humnoonni siyaasaa faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa diinota isheetti dabarsanii kennuuf hojjetan haala siyaasa biyyattii keessaa qooda qabaachuu akka hin qabnes hubachisaniiru.

Itiyoophiyaan laga Abbayyaa madda humna elektirikaa akka ta’uuf hidhuun fayyadamummaa ishee qormaatille hedduu keessatti milkaneessuu kaasanii, gaaffii ulaa galaanaa irrattis waloon hojjechuun akka barbaachisu eeraniiru.

Seenaa keessatti Diinonni biyyattii carraaqqiiwwan misoomaa ishee akka gufataniif halkani guyyaa akka hojjetan kaasanii, Itiyoophiaanonni garuu diina waloo isaanii pirojeektii ittiin ofirraa qolatanii dha jedhan.

Amma dhimmoota faayidaa bayyaalessaa Caalaa ajandaan biraa xiyyeeffannaa argachuu qabu akka hin jirre dubbachuu isaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.