Fana: At a Speed of Life!

Misoomni Koriidarii magaalaa Dirree aja’ibsiisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) – Misoomni Koriidarii magaalaa Dirre Dhawaa baay’ee aja’ibsiisaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad turtii magaalaa Dirre Dhawaatti taasisan sababeeffachuun ibsa kennaniiru.

Dooktar Abiy ibsa isaaniin, Dirre Dhawaatti bara darbe galmoonni keenye haggam akka milka’aan ilaaluufi jedhan.

Haaluma kanaan Manni kitaabaa galii Kitaaba Ida’amurraa argameen ijaarame ‘Immirtaan ‘tajaajiloota hedduuf kan oolu ta’uu kaasaniiru.

Manni kitaabichaa bakka dhaloonni itti ijaaramu, beekumsa itti argatu, itti bashanannuu fi sammuu isaa haaroomfatuudha jedhan.

Bakka Bashannaanaa, sochii Ispoortiin, Biskileetii itti hofamuufi kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uu himan Dooktar Abiy.

Hojii Misooma koriidarii magaalichaan daandiin kiloomeetirri 187 ijaaramuu ibsuun, hojiileen misooma koriidarii magaalichaa aja’ibsiisaa ta’uu kaasaniru.

Hojiileen hafan jiraachuu eeruun jalqabbii gaariirra jiraachuu dubbataniiru.

Sochiileen carraa hojii uumuuf dandeessisan caalmaatti akka hojjetaman kallattiin kaa’amuus eeraniiru.

Haalli qilleensaa magaalichaa, oomishaalee qonnaa akka Burtukanaa, Habaab, Teemarii, Pappayyaa fi kanneen biroo caalmaatti mijataa ta’uu himan.

Magaalaa Dirre Dhawaa keessa warshaaleen 400 ol jiraachuu kaasan.

Oomishaalee alergiin galii magaalichaa guddisuu qofa osoo hin taane naannawicha misoomsuun barbaachiisaa ta’uu hubachiisan.

Dirree Dhawaan magaalaa Garreeniin marfamte ta’uu kan eeran Dooktar Abiy, Garreewwan kunneen miidhaa fi misooma ishee ta’uu danda’uu jedhan.

Hojiileen misooma Sululaa yoo hin hojjetamne, Mukkeen yoo hin dhaabamne, Manneen pilaaniin yoo hin ijaaramne wayita roobni cimaan roobu miidhaa olaanaa qaqqabsiisuu danda’a jedhan.

Sulula misoomsuu, manneen pilaaniin ijaaruu fi mukkeen dhaabuun balaa mudachuu malu hir’isuuf hojjechuun murteessaa ta’uu yaadachiisan.

Garreewwan kunneen hawwata tuurizimii magaalichaa fi naannawichaa akka ta’aniis ibsaniiru.

Masaraan Magaalicha keessa jiru haroomfamee xumuramuu ibsuun, kunis tajaajila ummataa fi mootummaaf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Bakkeewwan tokko tokkootti waan qabnu haaroomsina, bakka tokko tokkotti immoo haaraa ijaarra jedhan.

Dooktar Abiy Dirreetti hojiilee jalqabbii gaarii qaban arguutti baay’ee gammaduu fi Simannaa Jaalalaa hawaasni magaalichaa taasiseef galateeffataniiru.‎

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.