Fana: At a Speed of Life!

Nageellee Arsiin Bahiirdaar, Midira Gannat Shireen ammoo Faasiil waliin qixa bahan

Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaan taphoonni har’a sa’aatii 9:00 eegaluun taphataman lamaanuu qixaan xumuraman.

Nageellee Arsiin Bahiirdaar waliin galchii malee qixa yoo xumuru, Midira Gannat Shireen ammoo Faasiil waliin galchii 1 qixa bahaniiru.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Bunni Sidaamaa qabxii 42’n liigicha yoo dursu, Nageellee Arsiin qabxii 38’n 2ffaa fi Magaalaan Hawaasaa qabxii 37’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.