Kantiibaa Adaanech Pilaazaa Diil fi Misooma Qarqara Laga Qurxummii tajaajilaaf banan
Finfinnee, Guraandhala 30, 2018 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Naannawaa Addabaabaayii Teediroositti kan ijaarame Pilaazaa Diili fi Misooma Qarqara Laga Qurxummii eebbisuun tajaajila eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, galgala kana Naannawaa Addabaabaayii Teediroositti pilaazaa Diil ammayyaa’aa ta’ee fi misooma qarqara laga Qurxummii ijaarsi isaanii xumurame eebbisuun tajaajila eegalchiifneerra jedhan.
Pilaazaan Diilifi Misoomni Qarqara Laga Qurxummii;-
• Bal’ina karee meetira kuma 21 fi 906 qaba.
• Yeroo tokkoon Konkolaattoota 500 dhaabu danda’a.
• Tooftaa Maanaagimentii dhaabbii Konkolaattootaa,
• bakka Charjii Konkolaattoota Elektirikii fi ittisa balaa ibiddaa kan qabu.
• Bakka Magariisaa heektaara 7 ta’u, daandii miilaa mijataa.
• bakka gurgurtaa meeshaalee kennaa ammayyaa fi aadaa,
• Reestooraantii, kaaffeewwanii fi Biiroowwan of keessa qaba.
Akkasumas misoomni qarqara laga Qurxummii dheerina kiiloomeetira 2.2 qabu;-
• Bakka kenniinsa tajaajila ummataa garaagaraa,
• bakka Sochii Ispoortii
• Bakka tapha Daa’immannii.
• Dirree Ispoortii.
• Bakka Anfii Tiyaatiraa 5 kan of keessa qabu ta’uus himaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebeen qaamoolee pirojeektiwwan kunneen yeroo qabameef keessatti qulqullinaan ijaarame akka xumuramuuf gahee isaanii bahatan hunda galateeffataniiru.