Taphoonni mo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Taphoonni mo’anii darbuu Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa tapha har’a Gaalataasaraay Liiverpuul keessummeessuun eegalamu.
Wal-morkiin kilaboota 16 hirmaachisu kun tapha har’a halkan sa’aatii 2:45 eegalee Gaalataasaraay Liiverpuul keessummeessuun eegalama.
Galaatasaraay kilaboota Ingilizirratti olaantummaa qaba.
Liveerpuul taphoota 5 Galaatasaraay waliin taphate keessaa 2 injifatamuun, 2 qixa bahuun 1qofa injifate.
Halkan sa’aatii 5:00 jalqabee Niwuukaasiil Baarseloonaa waliin taphata.
Sa’aatuma waltakkaatutti Atalaantaan Baayerni Muunik, Akkasuma Atileetikoo Maadriid Tootenhaam waliin morkatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.