Akkaataan Hawaasni Harargee fardeen gaara Qundhudhoo itti tursiise kan dinqisiifamuudha – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Akkaataan Hawaasni Harargee fardeen gaara Qundhudhoo itti tursiise kan dinqisiifamuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Akkaataan ummatichi waggoota 500 oliif Fardeen Diidaa Kunuunsee tursiise beekumsaa fi hayyummaa isaanii kan mul’isuudha jedhan.
Dooktar Abiy Ahimadii fi jilli isaaniin durfamu guyyaa kaleessaa Gaara Qundhudhoo fi Fardeen gaarichaa daawwataniiru.
Itiyoophiyaan biyya seenaa, aadaafi bakkeewwan daawwatamee hin quufamne hedduun kan badhaate ta’uu dubbatan.
Gaarri Qundhudhoo miidhagina olaanaa kan qabu ta’uu himuun, fardeen gaaricha irra jiran Fardeen manatti beeknurraa adda jedhan.
Fardeen kunneen bakka hawwata tuurizimii dilbii guddaa ta’uu akka danda’an hubachiisan.
Uummatichi jaalala kan beeku, bilisummaafi tokkummaa keessatti kan guddate dhaloota boriif seenaa gootummaa kan dabarsu ta’uu ibsan.
Arba, fardeen, albuudota dabalatee qabeenyi uumamaa hedduun Harargee Bahaa keessatti kan argaman ta’uu ibsaniiru.
Godinni yoo misoome magaalotni akka Harariifi Jigjigaa misoomuu danda’u jedhan.
Qabeenya jiru kana misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu eeran.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.