Fana: At a Speed of Life!

Bu’aa qabeessummaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa guddina diinagdee biyyattiif murteessadha – Pir. Taayyee Atsiqasillaasee

Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Bu’aa qabeessummaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa guddina diinagdee Itiyoophiyaa murteessadha jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee.

Eegaa Olaanaa dhaabbata Badhaasa qulqullinaa Itiyoophiyaa kan ta’an Pireezidaanti Taayyee Atsaqasillaaseen, hojiilee kenniinsa tajaajilaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Maddi bu’aa qabeessummaa daandii qilleensichaa aadaa hojii cimaa qabaachuu isaati jedhan.

Hojii Raawwachiisaa olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa Masfin Xaasew gama isaaniin, dhaabbatichi bara baajataa kana galii Doolaara biiliyoona 8.3 argachuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibsan.

Dandeettiin imaltoota alaa fi keessaa keessummeessuu guddachaa jiraachuu eeran.

Tajaajila Kaargoonis waggaatti Toonii miiliyoona 1 ol keessummeessuuf dandeettii qabaachuu kaasan.

Bara Faranjootaa 2040tti bakka ga’umsa isaa 242’n gahuuf karoorfachuu dubbatan.

Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.