Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa godina Gaamootti miidhaa sigiga lafaa ga’eef gadduu isaanii ibsan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa godina Gaamoo bakka adda addaatti sigiga lafaa fi lolaa mudateen miidhaa qaqqabeen gadduu isaanii ibsaniiru
Obbo Tamasgeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, miidhaa qaqqabeef gaddi guddaa itti dhaga’amuu ibsan.
Maatii fi firoota miidhamtootaafis jajjabina hawwaniiru.
Fulduraafis namoota balaa kanaan miidhaan irra ga’e deebisanii dhaabuu fi gargaaruuf mootummaan deggersa barbaachisu akka kennu mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.