Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Guyyaan gaddaa Sadii labsame
Finfinnee, Bitootessa 4, 2018 (FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Gaamoo naannawaa adda addaatti balaa sigiga lafaa fi lolaa mudateen lubbuun namootaa darbuu hordofee guyyaan gaddaa sadii Mootummaa Naannichaan labsameera.
Hogganaan Kominikeeshinii Mootummaa Naannichaa Hayilamaariyaam Tasfaayee Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, lammiilee sababa balichaan lubbuun darbeef guyyaan gaddaa mootummaan naannichaa dabarse boru irraa eegalee guyyoota sadiif kan turuudha.
Balichaan lubbuun namoota hedduu kan darbe yoo ta’u, lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniif hojiin deeggarsa garaagaraa dhiyeessuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.