Dooktar Abiy Ahimad Bulchaa Dubaayii, Ittaanaa Pireezidaantii fi Ministira Muummee Eemireetoota Gamtoomanii waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Bulchaa Dubaayii, Ittaanaa Pireezidaantii fi Ministira Muummee Eemireetoota Gamtoomanii Sheek Mahaammud Biin Raashiid Al Maktuum waliin mari’ataniiru.
Dhimmoota hariiroo Biiznasii, Barnootaa fi Aadaa biyyoota lamaanirratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Hariiroon magaalaa miidhagduu fi cimtuu tana waaliin qabnu daawwannaa yeroo itti aanu taasifnuun caalmaatti cima jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.