Dooktar Abiy Ahimad lammiilee Godina Gaamootti balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gaddi itti dhagahamuu ibsan
Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad lammiilee Godina Gaamootti balaa sigiga lafaan lubbuun isaanii darbeef gaddi itti dhagahamuu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Gaamoo aanaalee Gaacoo Baabbaafi birootti balaa tasaa sigiga lafaa sababa rooba Arfaasaan mudateen lammiilee keenya lubbuun darbaniif gadda natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan.
Mootummaan lammiilee miidhamaniif deeggarsa barbaachisaa taasisuu kan itti fufu ta’uus mirkaneessaniiru.
Rakkicha waaraan furuuf qorannoofi hojiin barbaachisaa ta’e hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.
Hojiileen of-eeggannoos barbaachisaadha jedhan ergaa isaaniin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.