Adeemsa Itiyoophiyaa sabdaneettii ijaaruu keessatti Fichee Cambalaalaan faayidaa olaanaa qaba- Obbo Dastaa Leeddaamoo
Finfinnee, Bitootessa 5, 2018 (FMC) – Adeemsa Itiyoophiyaa sabdaneettii ijaaruu keessatti Fichee Cambalaalaan faayidaa olaanaa qaba jedhan Pirezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon.
Obbo Dastaa Leeddaamoon Ayyaana jijjiiraa baraa Sidaamaa Fichee Cambalaalaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Ayyaanichi mirgi daa’immaniifi dubartootaa kan itti kabajamuufi duudhaalee gaggaarii garaagaraa qabaachuu eeraniiru.
Ayyaanichi waggoota 11 dura hambaa Kiliyyaa UNESCO’tti galmaa’uus yaadachiisaniiru.
Ayyaana kanatti haaloo qabatanii gara bara haaraatti ce’uun waan hin eeyyamamneef uummanni Sidaamaa sirna Hulluuqqaan dhiifama kan itti taasisu ta’uus eeran.
Ayyaanicha tokkummaan waldeeggaruu fi waliif yaaduun kabajuun barbaachisaa akka ta’es hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.