Ayyaanni Fichee Caambalaalaa kabajamaa jira
Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Ayyaanni jijjiiraa bara haaraa Saba Sidaamaa Fichee Caambalaalaan Sirnoota garaagaraan kabajamaa jira.
Ayyaannicha sababeeffachuun guyyaa kaleessaa Giddugala Aadaa keessatti sirnoonni garaagaraa kan gaggeeffamaniiru.
Har’a immoo ‘Sooreessaa Gudumaleetti ‘Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa yookiin Fichee Caambalaalaan kabajamaa jira.
Saganticharratti Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aganyaawu Tashaagar, Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leeddammoo, hoggantoonni Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi Naannoo argamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.