Masoob rakkoo kenna tajaajila Seektaraalee Mootummaa furaa jira- Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob rakkoo kenna tajaajila seektaraalee mootummaa hundeerraa akka furuuf hojjetamaa jira jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan.
Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan Bulchinsa Magaalaa Maayaatti Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob hojii eegalchiisaniiru.
Obbo Kaffaaloon Wayita kana haasawa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajila seektaraalee mootummaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.
Hawaasni dhamaatii fi baasii tokko malee iddoo tokkotti tajaajila si’ataa fi haqa qabeessa akka argatuuf Masoob gahee olaanaa bahataa jira jedhan.
Hanga ammaatti hojii giddugalicha babal’isuu naannichatti hojjatameen kenni tajaajilaa hawaasaa fooyya’aa dhufuu ibsaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Maayaa Dooktar Ifrahaa Waziir gamasaaniin, giddugalichi tajaajilamaan mufii tokko malee tajaajila qulqulluu akka argatu taasisaa jedhan.
Giddugalichi Wirtuu tajaajilaa 12 kan qabuufi hojjettoota teeknooloojiin deeggaraman 92 ol qabaachuu dubbataniiru.
Dabalataan dhaabbilee federaalaa 4 fi Seektaraalee magaalaa 23 of keessatti kan hammate ta’uu ibsameera.
Minyaahil Mallaseetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.