Fana: At a Speed of Life!

Gaazexxeessaan duraanii Faanaa Taarikuu Olaanaa du’aan boqotan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Gaazexxeessaan duraanii Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Taarikuu Olaanaa du’aan Addunyaa kanarraa boqotaniiru.

Gaazexxeessaa Taarikuun hundeeffama Raadiyoo Faanaa irraa eegalee sagantaa Raadiyoo Faanaa Afaan Oromoon waggoota dheeraaf tajaajilaniiru.

Keessattuu qophii jaalatamaa ‘Faana Afaan Oromoo’ jedhu qopheessuun dhaggeeffattoota biratti jaalatamaa turan.

Akkasumas dandeettii addaa walaloo barreessuu fi seennessuu irratti qaban illee ajaa’iba ture.

Damee Miidiyaan aadaa fi afaan ummata Oromoo guddisuu keessatti gahee olaanaa bahataniiru.

Raadiyoo Faanaa malee Miidiyaalee akka OBN fi kanneen biroorras hojjetaniiru.

Gaazexxeessaa Taarikuun dhibee isaan mudateen yaalama turuun guyaya kaleessaa umurii 61tti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

Gaazexxeessaa Taarikuun Godina Wallaga Lixaa Aanaa Laaloo Assabitti bara 1957 dhalatan.

Gaazexxeessaa Taarikuun Abbaa Ijoollee lamaa turan.

Sirni Awwaalcha isaanii guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee Bataskaanaa Qacanee Madaaniyaalemitti ni raawwata.

Faanaa Miidiyaa Koorporeeshin Maatii fi Firoottaniif jajjabina hawwa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.