Fana: At a Speed of Life!

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee sagantaa galii walitti qabuu Maqedooniyaa eegalchiisan

Finfinnee, Bitootessa 6, 2018(FMC) – Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen sagantaa galii walitti qabuu Giddugala gargaarsa Maanguddootaa fi Namoota rakkoo sammuu qabanii ‘Maqedooniyaa’ eegalchiisaniiru.

Pirezidaanti Taayyeen sagantaa kana irratti balaa naannoo Kibba Itoophiyaa godina Gaamootti qaqqabeen miidhaa ga’eef gadda itti dhaga’ame ibsanii, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwaniiru.

Aadaan Itiyoophiyaanotaa walgargaaruu fi waldeggeruu dha kan jedhan pirezidaanti Taayyeen dudha filatamaa aadaa keenya irraa maddeen akkasumas karaa qindaa’ee fi sirnawaa ta’een dhaabbilee gargaarsa kennan keessaa Maqedooniyaan tokko ta’uu ibsan.

Mootummaan ityi gaafatama hawaasummaa irra jiru ba’uuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa akka jiru eeranii, hojiin irra jireessi kan hojjetamu waldaalee tola ooltotaan ta’uu kaasaniiru.

Mootummaan imaammata hawaasummaa baasee fayyaa fi dhimmoota bu’uuraa biroo hawaasichaa guutuuf akka hojjetu mirkaneesaaniiru.

Lammiilee kuma sagalii ol gargaaraa kan jiru Maqedooniyaa Itiyoophiyaanonni deggersa akka godhaniifis waamicha dhiyeessaniiru.

Sagantaa kana eegalchiisuun dura Giddugalicha kan daawwatan pirezidaanti Taayyeen, hojii tolaa giddugalichi hojjetu kan eegameen olitti ta’uu ibsaniiru.

Doolaara Ameerikaa kuma tokko ilma isaanii irraa ergames wayituma kana arjoomaniiru.

Lubbuu namaa baraaruun kan beekamu giddu galichi har’a Bitootessa 6, 2018 irraa eegalee sagantaan galii walitti qabuu ifaan eegaluu isaas beeksisaniiru.

Giddu galichi namoota kuma 9 ol daandii irraa kaasee gargaaraa kan jiru yoo ta’u. magaalota 56 keessatti dameewwan banatee tajaajila kennaa jira.

Namoonni Maqedooniyaa gargaaruu barbaadanis karaa kanatti aanuun gumaachuu danda’u jedhameera.

Baankii :- Herrega baankota hundaatti banamee jiru 7979 fayyadamuun,

Sarara bilbilaa:- gara ergaa gabaabaa 8131tti ergaa gabaabaa erguun

Dabalataanis mooraa giddugalichaa keessatti sagantaalee akka cidha gaa’elaa, dhalootaa, cuuphaa fi yaadannoo geggeessuun sagantaa gammachuu fi yaadannaa jiraattota waliin hirmaachun akka danda’amuwaamicha dhiyeessanirru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromia #Ethiopia.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.