Fana: At a Speed of Life!

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa balaa Godina Gaamootti mudateen gaddi itti dhagahamuu ibsan

Finfinnee, Bitootessa 7, 2018 (FMC)- Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahmuud Alii Yusuuf balaa sigiga lafaa Naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Godina Gaamootti mudateen gaddi itti dhagahamuu ibsaniiru.

Maatii lammiilee balichaan lubbuun darbeef jajjabina; lammiileen miidhaman ammoo ariitiin akka dandamatan hawwaniiru.

Qaamolee naannawichatti hojii lubbuu baraaruu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf boqonnaa malee hojjetanis galateeffataniiru.

Gamtaan Afrikaa yeroo rakkoo kanatti Itiyoophiyaa cina akka dhaabbatu mirkaneessuu isaanii ragaan Gamtaa Afrikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.