Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon Ximootewoos jila gamaaggama haalduree filannoo Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 8, 2018(FMC) – Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos jila gamaaggama qophii dursaa filannoo Gamtaa Afrikaa waliin mari’ataniiru.

Ministirichi wayita kana akka dubbatanitti, Gamtaan Afrikaa filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa dhufaa jiruuf jila haalduree filannichaa gamaaggamu ramaduu isaa jajanii, hojiiwwan garichi hojjetu akka milkaa’aniif mootummaan deggersa barbaachisu akka kennu mirkaneessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa duraanii Naayijeeriyaa fi hogganaan garichaa Ji’oofirii Oniyeemaa gama isaaniin, garichi qophii dursaa filannoo waliigalaa dhufuun walqabateeqooda fudhattoota waliin itti dhiyeenyaan hojjechuuf karoorfachuu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.