Fana: At a Speed of Life!

Sirni Solaataa Ayyaana Iid Al Faxir Sadarkaa biyyaalessaatti milkaa’inaan xumurame – Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC)- Sirni Solaataa Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kumni 1 fi 447ffaan Sadarkaa biyyaalessaatti milkaa’inaan xumurameera jedhe Poolisiin Federaalaa.

Akka dhaabbatichi beeksiseetti, Sirni solaataa fi amantaalee garaagaraa milkaa’inaan akka xumuramuuf Poolisiin Federaalaa dhaabbilee nageenyaa naannoolee waliin qindoomuun humna namaa teeknooloojiin deeggarame heddu bobbaasuun hojii nageenyaa raawwachuun itti gaafatamumma isaa sirnaan bahateera.

Jala bultii ayyaanichaarraa eegalee eeegumsa cimaa taasisuun qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota gahee isaanii bahatan hunda Poolisiin Federaalaa galateeffataeera.

Haaluma walfakkaatuun Ummata, dhaabbiilee Amantaa, Qindeessitoota ayyaanichaa, abbootii amantaalee fi qooda fudhattoota biroo qaamolee naageeyaa waliin tumsaan hojjetan galateeffateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.