Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech Ayyaana Iid Al Faxir Sababeeffachuun Maaddii qoodan

Finfinnee, Bitootessa 11, 2018 (FMC)- Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1fi 447ffaa sababeeffachuun maaddii qoodaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Ayyaana Iid Al Faxir waggaa kuma 1fi 447ffaa sababeeffachuun kutaa magaalaa hundatti kan argamu gidduu gala Tasfaa Birhaan 28tti kutaalee hawaasaa rakkoolee hawaasummaa garaagaraaf saaxilaman, qaama miidhamtoota, harka qalleeyyiifi manguddootaaf maaddii qoodneerra jedhan.

Kantiibaa Adaanechi giddugala Kutaa magaalaa Nifaas Silkii Laaftoo fi Kolfee Qaraaniyootti argamuun maaddii qooduun ergaa baga geessannis dabarsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.