Piriimeer Liigii Ingiliziin har’a taphoonni afur ni taphatamu
Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC)- Taphoota Piriimeer liigii Ingilizii torbee 31ffaan har’a taphoonni afur ni taphatamu.
Hirmaannaa Shaampiyoonsii Liigii bara dhufuu argachuuf Liiverpuul gara Istaadiyeemii Ameerikaa Exiispireesitti imaluun sa’aatii 9:30 irratti Biraayitaan waliin ni taphata.
Haaluma walfakkaatuun hirmaannaa Shaampiyoonsii liigii argachuuf falmii taasisaa kan jiru Cheelsiin dirree isaan ala Eevertan waliin galgala sa’aatii 2:30 irratti ni falmata.
Galgala sa’aatii 12:00 irratti Fuulhaam Baarnileey waliin, halkan sa’aatii 5:00 irratti immoo Liidis Yuunaayitiid Bireentifoordi ni keessummmeessa.
Piriimeer liigicha Arsenaal qabxii 70 yoo dursuu tapha sirreeffamu tokko kan qabu Maanchisteer Siitiin qabxii 61’n sadarkaa 2ffaarrratti argama.
Maanchiisteer Yuunayitiid qabxii 55’n sadarkaa 3ffaarra jira.
#Oromia #Ethiopia