Fana: At a Speed of Life!

Misoomni koriidarii magaalota ammayyeessurra darbee faayidaa diinagdee olaanaa argamsiisaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 15, 2018 (FMC) – Misoomni koriidarii magaalota ammayyeessurra darbee faayidaa diinagdee olaanaa argamsiisaa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad dhimmoota magaalaa, magaalummaa fi misooma koriidarii ilaalchisee Teeleeviizyiinii Qaanaa waliin turtii taasisaniiru.

Misoomni koriidarii magaalota ammayyeessurra darbee faayidaa diinagdee olaanaa argamsiisaa jiraachuu kaasan.

Carraa hojii uumuu, dhiyeessii manneen jireenyaa fooyyessuu fi gatii magaalaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachuu ibsan.

Misoomichi haala jireenyaa lammiilees jijjiiruu dubbatan.

Erga misoomni koriidarii eegalee gatiin gamoowwanii daran dabaluu himan.

Hariiroo hawaas caalmaatti cimsuu dubbatan.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.