Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Goondar qofa osoo hin taane baadiyyaa isheefis Misooma Kooriidariin boqonnaan haaraan banameera- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Bitootessa 16, 2018(FMC)- Magaalaa Goondar qofa osoo hin taane baadiyyaa isheefis Misooma Kooriidariin boqonnaan seenaafi ammayyummaa haaraan banameera jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Bulchiinsa magaalaa Goondar ganda baadiyyaa Saayinaa Saabiyaatti Manneen Moodela Baadiyyaa eebbisiisnee tajaajilaaf banaa gooneerra jedhan.

Pirojektiin kun mul’ata keenya magaalaa qofa osoo hin taane baadiyyaas qixa ammayyeessuu, miidhagsuufi misoomaan ceesisuu qabatamaan kan mul’isedha jechuun ibsan.

Mandarri moodela Baadiyyaa kun gaaffii buufata fayyaa, ibsaafi bishaanii waggoota dheeraaf ture kan deebise ta’uus ibsaniiru.

Pirojektichi manneen jireenyaa mooraa beelladootaa irraa adda baasuun haala jireenyaa fayya qabeessaafi ammayyaa’aaf bu’uura kaa’uu eeraniiru.

Kana malees misooma Maaddii Guutuu kan hammate ta’uu fi oomishtummaafi ammayyummaa qonnaan bultootaa kan mirkaneessu ta’uu ibsan.

Yeroo ammaa kana biyyattiitti magaalaafi baadiyyaan qixa miidhagaa, misoomaafi daandii guddinaa irratti kan argamanidha jedhan.

Imalli ce’umsa baadiyyaa kun Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti ceesisuuf agarsiistuu guddaa ta’uu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.