Fana: At a Speed of Life!

Magaalummaan bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aafi badhaadhina biyyaaf bu’uura- TKM

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC) – Magaalummaan bu’uura cimaa irratti ijaaramaa jiru jireenya fooyya’aafi badhaadhina biyyaaf bu’uura jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Misoomni Kooriidarii Itiyoophiyaan bal’inaan hojjechaa jirtu tarkaanfii seena qabeessa maqaa gaarii biyyattii jijjiiruurra darbee sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf fudhatame ta’uu ibseera.

Mootummaan magaalonni jiraattotaaf mijatoo fi miidhagoo akka ta’aniif baajata guddaa ramaduun fi humna namaa qindeessuun xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu kaaseera.

Hojiileen bu’uuraalee misoomaa diriirsuu, magaalaa haaromsuu, naannawaa miidhagsuu, iddoowwan seena qabeeyyii deebisanii misoomsuu, suphaan hambaalee fi misoomni kooriidarii magaala Finfinneefi magaalota gurguddoo biroo keessatti hojjetaman adda durummaan kanneen eeraman ta’uus ibseera.

Hojiilee bu’uuraalee misoomaa diriirsuun hawaasni dhiyeessii bishaan dhugaatii, daandii fooyya’aa, eegumsa fayyaa sadarkaa isaa eeggate, barnoota qulqullina qabuu fi dhiyeessii humnaa akka argatuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabeeyyii ta’uu fi tattaaffii mootummaan gaaffilee bu’uuraalee misoomaa hawaasa irraa ka’an deebisuuf taasise qabatamaatti kan mul’isanidha jedhe.

Gama biraan kallattii Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kennaniin waggoottan jijjiiramaa 8 darbanitti hojiileen misoomaa hedduun hojjetamuu yaadachiisuun, kanneen keessaa hojiin magaalaa miidhagsuu tokko ta’uu ibse.

Xiyyeeffannoon misooma kooridariifi magaalaa haaromsuuf kenname magaalota gurguddoo dabalatee magaalota 78 keessatti hojiirra ooluu tajaajilichi hubachiiseera.

Misoomni kooridarii magaalota ammayyeessuurra darbee eegumsa qabeenya qilleensaa, jijjiirama ilaalchaa, carraa hojii uumuu, naannawaa jireenyaa mijataa uumuu, hawwattummaa guddisuufi hawaasni fayyaalessi akka uumamuuf gahee bahachaa akka jiru ibseera.

Hojiin suphaafi hambaalee deebisanii misoomsuus miidhagina magaalotaa guddisuun hawwattummaa isaanii dabaleera jedhe.

Haaluma Kanaan yeroo turtii tuuristoota hedduu dheeressuun madda galii olaanaa uumaa akka jiru eere.

Mul’ata Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afrikaa milkeessuuf hirmaannaan lammiilee murteessaa ta’uufi imala milkaa’inaa kana dhugoomsuuf hundi qooda isaa bahachuu akka qabu dhaameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.