Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Hindi miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaaf waliigaltee gamlamee xumuruuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC)- Iityoophiyaan miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa irratti marii Hindii waliin geggeessaa jirtuun waliigaltee gamlamee saffisaan xumuruuf waliigateetti.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen Ministira Daldalaa fi indaastirii Hindi Shirii Piyuushi Goyaal waliin mari’ataniiru.

Marichi Yaa’ii 14ffaa Ministirootaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa Kaameeruun Yaawuundeeti gaggeeffamaa kan jiru cinaatti kan gaggeeffame ta’uun ibsameera.

Marii isaaniins, waliigaltee carraa gabaa gamlamee akkasumas hammattoo BRICS’n michummaa hundagaleessaa tarsiimawaa caalmaatti cimsuurratti kan xiyyeeffatedha.

Dooktar Kaasahuun Goofeen wayita kanatti Itiyoophiyaan tattaaffii miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa ta’uuf gootu bara faranjoota kanatti xumuruuf ejjennoo cimaa qabaachuu dubbataniiru.

Waligalteen gamlamee Hindi waliin taasifamu kun saffisaan akka xumuramu gaafachuu isaanii Ministeerrichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.

Shirii Piyuushi Goyaal gamasaaniin, Hindi adeemsa Itiyoophiyaan Miseensa Dhaabbatichaa ta’uuf taasiftu kan deeggartuu fi waliigaltee gamlamee torban tokko keessatti xumuruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Kunis waliigaltee damee hedduu Itiyoophiyaan taasiftu bu’aa qabeessa taasisa jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.