Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee Doolaara biiliyoona 4 olitti tilmaaman kan biyya keessaan bakka buusuun danda’ame

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Bara baajataa kana baatiwwan saddeettan darban keessa oomishaalee Doolaara biiliyoona 4 olitti tilmaaman kan biyya keessaan bakka buusuun danda’ame jedhe Ministeerri Indaastiriii.

Dandeettii al ergii guddisuun baatiwwan saddeettan darban keessa oomishaalee alatti ergamanirraa galiin doolaarri miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 80 argamuu ibsame.

Ogeeyyiin miidiyaalee hojiilee ministeerichi sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu fi oomishaalee bakka bu’oorratti hojjetaa jiru daawwataniiru.

Yeroo ammaa lakkoofsi Indaastiriiwwan xixiqqaa, giddugaleessaa fi olaanoo kuma 27 gahuu ibsame.

Agarsiifni Itiyoophiyaan haa oomishtuu mata duree ‘Birmadummaa hundagaleessuuf Itiyoophiyaan haa oomishtu’ jedhuun Bitotessa 24 – 28, 2018tti Giddugala Konveenshinii idil addunyaa Finfinneetti ni gaggeeffama.

Heenook Lammeen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.