Fana: At a Speed of Life!

Finfinneen Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa idil addunyaa 5ffaa akka qopheessitu filatamte

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018(FMC) – Magaalaan Finfinnee Konfiraansii Fayyaa Hawaasaa idil addunyaa 5ffaa akka qopheessituuf filatamteerti.

Giddugalli Ittisa fi To’annoo dhibee Afrikaa Finfinneen keessummaa simachuu fi keessummeessurratti cimtuu ta’uu ishee hubachuun waltajjii guddaa kana akka keessummeessitu beekamtii kenneera.

Ministeerri Dhimma Alaa akka beeksisetti namoonni kumni 30 ol konfiraansicharratti ni hirmaatu.

Waltajjii guddaan kun bara Faranjootaa Fulbaana 6 -9, 2026 gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.