Fana: At a Speed of Life!

Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa kabajuufi

Finfinnee, Bitootessa 18, 2018 (FMC)- Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa mataa duree ‘Boqonnaa Haaraan Egeree fooyya’aaf’ jedhuun qophiilee adda addaan ni kabaja.

Bara 1968 kan hundaa’e korporeeshinichi Ayyaana hundeeffama isaa waggaa 50ffaa kana sagantaalee garaagaraan kan kan kabaju ta’uu ibse.

Waggoottan shantaman darban keessa damee misooma manneen ashaaraa olaanaa kaa’eera.

Hundeeffama isaarraa eegalee imala turee fi jijjiirama biyyaalessaa bu’uura godhachuun riifoormii dhaabbatummaa gaggeesseen bu’aawwan argaman kan mul’isu agarsiifni kan qophaa’e yoo ta’u, dhaabbileen Teeknooloojii Ijaarsaa Awurooppaa korporeeshinicha waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan agarsiisicharratti ni hirmaatu jedhame.

Bitootessa 20 ammoo Waltajjiin marii kan gaggeeffamu yoo ta’uu, waltajjichaan yaadoonni piroojektoota jajjaboo misooma manneen milkeessan ni dhiyaatuun eegama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.