Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota kuma 2 fi 300 ol eebbisiise
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018(FMC) – Yuunivarsiitiin Walaayittaa Sooddoo barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 2 fi 300 ol marsaa 19ffaaf eebbisiiseera.
Barnoota sagantaa idilee fi idilee alaan Digirii jalqabaa, 2ffaa, 3ffaa fi Ispeeshaaliitiin barsiisaa ture eebbisiiera.
Hoggantoota Yuunivarsiitichaa fi Godina Walaayittaa dabalatee abbootiin amantaalee, jaarsoliin biyyaa, maatiin eebbifamtootaa fi keessummoonni waamichi godhameef saganticharratti argamaniiru.
Xilahuun Huseentu gabaase.